Arsenaal fi Liiverpuul taphataa Morookoo, Baawudiirratti waldorgomaa jiru-Jijjiirraa ifatti banameen kilabni keessan waan gochuu qabu

Ayyuub Baawudii

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Arsenaal taphataa ol adeemaa umuriin isaa waggaa 18 Ayyuub Baawudii fudhachuuf waliin dubbachuu jalqabeera. Taphataan kun morkii Waancaa Addunyaa 2026 irratti biyyisaa Morookoon Biraazil waliin 1 fi 1 qixa baherratti ga'umsa ajaa'ibaa agarsiiseera.

Kilabiin Piriimer Liigii biraa, Liiverpuulis taphataa kana fudhachuuf ifatti waliin dubbachuutti jira.

Kana malees, kilabboonni warri akka Chelsii fi PSG taphataa kana hordofaa jiru. Taphataan sarara gidduufi ittisarras taphachuu danda'u kun Paawondii miliyoona 60 baasa jedhameera.

EPL

Madda suuraa, EPL

Jijjiiraan taphattootaa kan bara 2026/27 ifatti banameera. Kilaboonnis osoo morkiin bara haaraa hin jalqabiin bakka gareen isaanii qaawweera jedhan duuchachuuf maallaqa qabatanii gabaa bahaa jiru.

Jijjiirraan Liigota Ingiliiz har'a yoo banamu kanneen akka La Liga, Bondosliigaa ammoo Waxabajji 29 banamu.

Liigonnni Awurooppaa yeroo gara garaatti gabaa jijjiirraa bananis, kan cufan garuu guyyaa tokkorradha; innis Fulbaana 1, 2026.

Kilaboonni gurguddoo Ingilaand warri akka Arsenaal, Chelsii, Maanchester Yunaayitid, Maanchester Siitii fi Liiverpuul carraa karri jijjiirraa banamuu kanatti dafanii fayyadamuuf abbalaa jiru. Garee isaanii jabeeffachuuf gabaa isaan hin baane, taphataa isaan hin dhoofsifne hin jiru.

Maal gochuu qabu, sarara kamirratti eenyuun fudhatanii jabeeffachuu wayyaaf?

Arsenaal – Sarara cinaa gama bitaan

Morgaan Roojars

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Morgaan Roojars
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Arsenaal bara darbe kana waggaa 22 eegaa shaampiyoonaa ta'eera. Kana malees, xumura waancaa Shaampiyoons Liigii Awurooppaaarra gahee PSGn mo'amus bara dorgommii gaarii dabarseera,

Arsenaal rakkoon isaa inni guddaan sarara fuula duraa karaa cinaa bitaarraan ta'uu isaa hubateera. Bakki Maartineelii fi Tiroosaard itti wal jijjiiran kun akka ta'utti sirnaan carraa goolii barbaadamu uumuurratti guutuu akka hin taane kilabichi hubateera.

Galchiin isaanii harki caalu kan gama mirgaan Bukaayoo Saakaa irraa dhufu waan ta'eef morkattoonni Arsenaal yeroo hedduu irratti baranii itti fayyadamu.

Arsenaal taphataa gama bitaarraan kubbaa sirriitti to'achuu danda'u, kan saanduuqa peenaaliitii keessa uree seenuun carraa goolii uumuu danda'an irratti xiyyeeffatee barbaadaa jira.

Kilab Buruuzhirraa Kiristoos Ziloos, Aston Viilaa irraa Morgaan Roojars, PSG irraa Biraadilii Baarkoolaa fi Kiviichaa Kavaaraaskeelii, Atileetikirraa Niikoo Wiliyaams akkasumas Bornimaawozirraa ammoo Juuniyer Kuruuppii gaafachaa jira.

Chelsii – Sarara gidduu fi ittisaa gama bitaa

Maaks Araayoo

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Maxi Araújo

Chelsiin bara darbe kana Piriimer Liigii keessatti sadarkaa 10ffaa qabatee xumure. Kun ammoo carraa dorgommii waltajjii Awurooppaa kamiyyu keessaa isa baaseera.

Kilabiin kun addatti sarara ittisaa irratti rakkacha abaheeera.

Taphataan fooyyee qabu Maark Kukurellaa ammoo Paawondii milyoona 51.8'n gara Riyaal Maadiriid deemeera. Kun ammoo sarara ittisaa kilabichaa caalaatti qaawwessa.

Taphataan sarara gidduu Enzoo Maareskaas gadhiisuu akka barbaadu hmama.

Kanaaf, sarara ittisaarratti Ispoortingirraa Maaks Araayoo, Juuventuus irraa Andiriyaa Kaambiyaasoo, akkasumas Niiwukasil irraa Lewiis Hool bakka Kukurellaa kanaaf yaadamaa jiru.

Chelsiin sarara ittisaa gidduurrattis taphataa muuxannoo qabuufi sararicha tasgabbeessuun hogganus ni barbaada.

Manaajerii haaraa Zhaavii Alloonsoo jalatti sararri ittisaa isaa nama sadiin ta'a jedhamee waan eegamuuf taphataan muuxannoo qabu ni barbaadama.

Maanchester Siitii – Sarara gidduu

Elitoon Andersan

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Elitoon Andersan

Maachester Siitiin Piriimer Liigii keessatti Arsenaalitti aanee sadarkaa lamaffaa qabate xumure. FA Cup fi Karabaa'oo Cup ammoo mo'ateera. Haata'u malee, taphoota tokko tokko keessatti qaawwa sarara gidduusarratti mul'atuun tapha to'achuu yeroo rakkatu mul'ateera. Kun ammoo kan barame caalaa taphoota tokko tokkorratti akka banamuf godheera.

Amma taphataa sarara gidduu Notingihaam Forest Eliyoot Andersan barbaada. Kun ammoo yeroo Hernaadeez Kasaantee ykn Roodiriin miidhaman isaan gargaara. Bernaardoo Silvaas gadhiisee Riyaal Maadiriid deemeera.

Maanchester Yunaayitid – Sarara gidduu

Endersan

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Endersan

Maachester Yunaayitid bara darbe Piriimer Liigii keessatti sadarkaa sadaffaa qabatee xumure. Erga Mikaa'el Kaarik hoggansa kilabichaatti dhufee Maanchester Yunaayitid cimaa dhufeera. Haata'u malee, rakkoon kilabichaa sarara gidduurradha. Buruunuu Ferenaandeez sarara gidduurraa gara jifannaatti duufee akka gaariitti kilabicha gargaraa bahe. Amma taphataa sarara gidduu kara duubaa barbaadu.

Taphataa sarara gidduu ittisaafi jifataa gargaaru dandeetttii addaa qabu argachuun dhiibbaa Buruunoo irra jiru hir'isuu barbaadu.

Taphataan sarara gidduu lammii Biraazil Endersan Paawondii miliyoona 35 Atilaantaa irraa Waancaa Addunyaan booda dhufa jedhamee eegama.

West Haam irraa Maatewuus Fernaadeez fi Niiwukasil irraa Leewis Hool akkuma hordofamaa jiru.

Liiverpuul – Sarara cinaa mirgaarraan

Yan Diomande

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Yan Diomande

Liiverpuul bara darbe kana gahumsa gadi bu'aatiin dabarse. Leenjisaa isaa Arnee Silootiinis ari'eera. Kilabichi miira dorgommii duraan ittiin beekamu dhabee dabarse. Keessummaa qaawwi mul'atu sarara jifannaa karaa mirgaan jiruunidha.

Barana kilabicha kan gadhiise Mohaammad Saalaah bara darbe kana gahumsa gaariirra hin turre. Kanaaf, leenjisaan haaraa, Bornimaawoz irraa dhufe Andoonii Irraa'olaan bakka kanatti fala barbaaduu qaba. Kanaaf ammoo RB Leepizhiingirraa Yaan Diyaamoondee Paawondii miliyoona 87 itti gaafatame kajeelaa jira.

Haata'u malee, bakki taphataa isaan barbaachisu biraan fuula Ibiraahim Konaateeti. Konaateen kontiraata waggaa afurii mallatteessuun Riyaal Maadiriiditti makameera. Bakka Konaatee kana ammoo taphataa Kooriyaa Lii Haan-Behoom ta'a jedhamee eegama.