Hir'ina maallaqa callaa Tigraay fi Oromiyaatti mudateef sababni maali?

Madda suuraa, Getty Images
Waraana waliinii kaaba Itoophiyaatti dhiiga dhangalaase nagayaan goolabuuf waliigaluu hordofee, tajaajilli baankii keessattuu naannoo Tigraayitti adda citee ture irra deebiin jalqabuunsaa ni yaadatama.
Tahus baankiileen hojii jalaqabanii turan hanqina maallaqa callaarraa kan kahe, guutummaatti tajaajila kennaa akka hinjirre, jiraattonniifi hojjettoonni baankii ni himu.
Lola hidhattootaa naannicha keessa sochoâaniifi qaamolee nageenyaa jidduutti taasifamuun sodaa nageenyaa keessa kan jiran Godinaalee Lixa Oromiyaattis, dameewwan baankii hedduun tajaajila erga dhaabanii bubbulaniiru.
Kana malees dameewwan Baankii Daldala Itoophiyaa garii keessaa hangi maallaqaa maamiltoonni baasuu dandaâan kan daangeffamedha.
Kanarraa kan kahe rakkoof saaxilamaa jiraachuu jiraattonni BBCn naannolee kanneenirraa dubbise ni dubbatu.
âDhimma siyaasaati jedheen fudhadhaâ
Obboo Kifloom jiraataa Abiy Addiiti. Magaalattiin jiraattota idilee tahaniin alatti, kanneen waraanichaan qeâeerraa buqqaâaniifis dahoodha.
Waliigaltee Piritooriyaan booda Baankii Daldala Itoophiyaa dabalatee baankiwwan dhuunfaa kaanis hojii eegalanii turan. Amma garuu gariin tajaajilaan ala tahuusaanii himu Obboo Kifloom.
âGara duraa guyyaatti haga Birrii 10,000 baasuu dandeenya ture. Achiis hanqinni maallaqaa jira jechuun, gara 2,000tti gadi buusan. Ammammoo sirumaa Birrii hinqabnu erga jedhanii guyyoonni darbaniiru.â
Kanaanis jiraattonni sababa lola kanaan rakkoo hamaaf saaxilaman, rakkoosaanii furachuuf maallaqa nu barbaachisu argachuu dhabuusaanii komatu.
Akka Obboo KIfloom jedhanitti, âWanti akkaan nama gaddisiisu, kanneen baadiyyaarraa dhufan waaâee tajaajila baankiiwwanii odeeffannoo waan hinqabneef, maallaqa arganna jechuun waan qaban geejibaaf baasuun dhufu; kan lafoon dhufanillee jiru.
Gariin ammoo baankiirraa qarshii basuun qorsa binna jedhanii kan dhufan jiru. Buâaa bahii kana keessa dabranii baankii oggaa gahan, tajaajilli hinjiru jedhamu.â
Jiâa muraasaan dura MM Itoophiyaa Abiy Ahimad, angaâoota olaanoo Tigraay wajjin walarguun marii taasisaniin, Birriin biiliyoona shan gara Tigraay ergamuun isaa ni yaadatama.
Kana hordofees dameewwan hedduu Baankii Daldala Itoophiyaa maamiltootaaf tajaajila kennaa turan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haatahu malee maallaqani ergame kun guyyoota 10 caalaa akka isaan tursuu hin dandeenye, Naannoo Tigraayitti hoogganaan distiriktii Baankii Daldala Itoophiyaa maqaakoo naa dhoksaa jedhan BBCtti himaniiru.
âBirrii biliiyoona shanitu ergame. Biiliyoona sadii Baankii Daldalaaf, Wagaaganiifi Anbassaan ammoo biiliyoona tokko tokko argatan.
Haatahu malee baasii malee, namni maallaqa galchu waan hin turreef, hanqinni mudate.â
Qarshiin callaa ergame obbaâuu hordofee Baankiin Biyyoolessaa irra deddeebiin akka ergu gaafatamus, deebii âBirrii ergaa hin jedhamneâ jedhu akka argatanis himu hoogganaan kun.
Kanaanis baankiwwan maamiltoota isaaniif Birrii 3,000 caalaa kennuu akka hin dandeenye dubbatu.
âBaankiin Biyyoleessaa maallaqa akka nuu ergu marroo sadii gaafanne. Dhimmichi dhimma siyaasaati jedheen amana. Guyyuu baankicha wajjin dubbanna.â
'Dhukkubsattoonni caalaa miidhaman'
Hogganaan kun keessattuu namoonni qoricha bituu fedhan, hanqinni maallaqaa isaan rakkisaa jiraachuu nutti himaniiru.
âRagaa dhukkuba shukkaaraa, kaansaraafi kaanii fidanii kan dhufan jiru. Hanguma dandaâameen xiqqooshii dabalanii kennuufi yaalu. Tahus gahaa miti.â
Yeroo ammaatti dameewwan muraasni maallaqa callaa jaarmiyaaleen galchaniin tajaajial kennuuf yaalaa akka jiran kan kaasan hoogganaan kun, dameewwan âqarshii muraasa ennaa walitti qaban ni banamu, maallaqni dhabamnaan ammoo ni cufamuâ jedhu.
Waliigaltee nageenyaan dura baankileen Tigraay keessa jiran tajaajilaan ala wayita turanitti, maallaqa biyyoota alaarraa naannichatti ergamu keessaa namoota daddabarsaniif haga %40 kanfalamaa akka ture ni yaadatama.
Amma erga tajaajilli eegalee baasiin seeraan alaa kun ni hafa jedhamee abdatamus, namoonni akkaawuntiirraa walitti dabarsan ammallee komishiniin akka hojjetan BBCn odeeffateera.
Baankii tokkotti namni maallaqa callaa qabu nama biraatti ennaa dabarsu %7 komishinii dabalataa akka kanfalchiisu maddeen BBCtti himaniiru.
â%5 hanga 7 kanfalaati akkaawuntii irraa kan dabarsitu. Maallaqa callaa fudhachuuf akkaawuntii kee keessaa hanga %7 dabaluun baasta,â jedhu Obboo Kifloom.
âAkkuma dhiyeenya keetti tajaajila argattaâ
Maallaqni callaa dhabamuu, hangi baasan daangaâuu, bakkeewwan kaanitti ammoo baankiileen cufamuu - komii lammilee hedduu erga tahe bubbuleera.
Yunivarsiitii Dambidoollooti barsiisaa kan tahe Eebbisaa Margaa, kiraa manaa kanfalachuuf kan isa dandeessisu maallaqa baasuufillee rakkachaa akka jiru dubbate.
âQarshii 2,500 kan kiraa mootummaan naa kaffalu, isuma baasuu dhaqee naa kennuu didan. 1,000 caalaa baafachuu hin dandeessan jedhu.â
Jiraataan magaalaa Dambidoolloo dubbisne biraa rakkoon hanqina maallaqaa isaan mudachuu mirkaneessee, kunis hojimaata badaaf karaa saaqeera jechuun BBCtti hime.
âNamni maanaajaraafi baankarootatti siqu [maallaqa fedhe] baafachuu dandaâa. Otoo ati dhaabbattuu kan jara wajjin hariiroo qabu, Birrii haga barbaade baafatee yeroo bahu qabatamaan argeera.â
Jiraattonni Lixa Oromiyaa irraa dubbisne kunniin, akka furmaataatti jechuun hojjettoonni baankii kan isaaniif deebisan, gama mobaayil baanking fayyadamuun waliif dabarsaa kan jedhu akka tahe himu.
Hawaasni naannolee kanaa baankiirraa maallaqa callaa yoo dhabu akka furmaata yerootti, dhaabbilee daldalaarra deemuun, gara akkaawuntii isaaniitti naquun, isaanimmoo callaa kennuuf - kanas yoo namaan walbeekanidha.
Akka Eebbisaan jedhutti magaalattii keessa namoonni baankii keessaa maallaqa fudhachuuf hiriiran arguun, jiâoota dhiyeenyaan asitti baramaa taheera.
Lixa Oromiyaa bakkeewwan hedduu lola qaamolee nageenyaa mootummaa Itoophiyaa fi garee hidhataa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) wajjin yeroo yeroon gaggeeffamuun, baankiwwan dabalatee waajiraaleen mootummaa garagaraa hojii dhaabuuf dirqamu.
Aanaalee Qeellam Wallaggaa fi Wallagga Lixaa keessa jiranitti rakkoon kun kan hammaate oggaa tahu, jiraattonni aanaalee magaalota isaan dhiyoo jiranitti imaluun maallaqa baafatu.
âHojjettoonni mootummaa fi jiraattonni Aanaalee Muggii fi Gidaamii irraa, baankileen waan cufamaniif mindaa fudhachuuf as dhufu,â kan jedhu barsiisaa Ebbisaa, namoonni kun rakkoo hedduuf saaxilamu jedha.
Jiraattonni kun garana yoo dhufanis, maallaqa barbaadan baafachuu waan hin dandeenyeef, hanga barbaadan baafachuuf guyyootaaf buluuf yeroon itti dirqaman jira.
Haati Wallagga Lixaa Aanaa Ganjiirraa dubbifne tokko akka himanitti, Aanichatti baankiwwan turan lama sababa ârakkoo nageenyaanâ erga cufamanii jiâootni jaha ol dabraniiru.
Jiraattonni aanichaa maallaqa barbaadan magaalota kanneen akka Gimbii fi Yuubdoo deemuun akka tajaajilaman himu.
Baankii Daldala Itoophiyaa keessaa hooggantoota dameerraa odeeffannoo BBCn argateen, rakkoo nageenyaa naannicha jiruun walqabatee maallaqa callaa guddaa dameewwan kanniin keessa kuusanii bulchuun yookaan qabachuun hin dandaâamu.
BBCn dhimma kanarratti kan dubbise daayireektarri Komunikeeshinii Baankii Daldala Itoophiyaa Obboo Alsan Asaffaa, baankiin isaanii dhimma kanarratti yaada kennuu akka hin dandeenyeefi, Baankii Biyyoolessaa Itoophiyaatu yaada itti kennuu dandaâa jedhan.
Gama Baankii Biyyoolessaa Itoophiyaa irraa deebii argachuuf irra deddeebiin yaalii taasifnus, hin milkoofne.
















