Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, MM Abiy fi Pirezidantiin Iraan "waan amma Galaana Diimaarratti mul'achaa jirurratti" mariyatan

Ministirri Muummee Abiy Ahmad Pirezidantii Iraan Masuud Pezeeshkiyaan waliin mariyachuu isaanii beeksisan. Gaggeessitoonni lamaan Kora BRICS 18ffaa Indiyaa, magaalaa Niiwu Deelhii keessatti gaggeeffamurratti wal arguun “haala yeroo Galaana Diimaarratti ta’aa jiruu fi haala waliigalaa nageenya qaxanaa irratti marii xiyyeeffate” taasisuu isaanii MM Abiy ibsaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Dubartii muka irratti fannifamtee duuteef namni tokko hidhame

    Poolisiin Ameerikaa kutaa Misisippii du'a dubartii gurraattii muka irratti fannifamtee argamte waliin walqabatee nama tokko to'annaa jala oolche. Yeroo dhiyootti namoota dabalataa to'annaa jala oolchuu akka danda'an dubbatu.

    Reeffi Tasiyaa Foorchun ji'a Hagayyaa, 2026 mana onaa magaalaa Jaaksan keessatti argame. Jalqaba poolisiin du’a ishee akka yakkaatti hin ilaalle; garuu torban kana duutiishee ajjeechaa ta’uu malu jechuun qorachuu jalqabe.

    Har'a hidhamuun nama kanaa qorannoo kana keessatti waan guddaa ta’us xumura miti," jechuun Hoggantuun Poolisii Jaaksan RaShaal Brakinii Jimaata darbe himte. "Dhimmi kun ammallee itti fufa."jette

    Duuti Foorchun magaalaa gurraachonni baay'inaan keessa jiraatan fi seenaa jeequmsa sanyii fi ajjeechaa namoota gurraacha hamaa qabdu keessatti yaaddoo guddaa uumeera.

    Hoggantuun poolisii tun, namni ajjeechaasheef to’atame nama umrii wagga 51 Jaarkees Raatliif jedhamu ta’uu ibsite.

    Raatliff, ofisaa gurraacha ta'ee fi Foorchun gidduutti ''hariiroon' akka jiru dubbatteetti, garuu hariiroon kun maali akka ta’e bal'inaan hin ibsine.

    Qorattoonni keenya ragaa hordofaa waan jiraniif namoonni dabalataan qabamuu danda’an,'' jetti. Dhimmicha irratti namoota 15 qorataa akka jiran dubbatti.

    Seenaa Misisippii keessatti sanyummaadhaan ajjeesuu beekamaa waan ta’eef du’a foorchun irratti odeeffannoo dhabuun hawaasa rifannoo fi sodaa keessa galchee ture.

    Ammaa Haatiishee Kiriistii Ispaayivii xiqqoo tasgabbaa’uu ishee BBCtti himte. Yeroo poolisiin bilbilee hidhamuu nama kana itti hime Kiriistiin ni boosse.

    “Namni sirrii qabameera jedheen abdadha,” jette.

    Jalqaba ji’a kanaa miseensi Kongiresii Ameerikaa tokko duutii Foorchun “ajjeechaa sanyummaa ammayyaa ta'uu danda'u'' jechuun ibsaniiru.

    Miseensonni Kongireesii 50 ol ta’an torban kana xalayaa FBI fi Ministeera Haqaa Ameerikaaf erganii, ''namoonni gurraachi kutaalee biyyattii hedduu keessatti muka irratti fannifamanii argamuun baay'ee sodaachisaa'' jechuun qorannoo walaba akka gaggeeffamu gaafatan.

    Bara kana hanga ammaatti US keessatti yoo xiqqaate namoota gurraachonni fannifaman 10 ta’uu himan.

    Bara 2000 hanga 2025 gidduutti namoonni gurraachonni fannifaman 70 ol akka galmaa’e himaniiru.

  2. Lakkoofsi namoota ibidda doonii Filiippiinsiitiin du’anii gara 35'tti ol ka'e

    Eegdonni qarqara galaanaa Filiippiins, reeffa namoota 30 caccabaa doonii keessaa argachuu isaa beeksise. Kunis lakkoofsa namoota balaa ibiddaa doonii kanaan du’anii gara 35tti ol kaasa.

    Yeroo ibiddi kun ka’u namoonni 130 ol ta’an doonii MV June Aster jedhamu kana keessa turan. Ibiddaan kun Roobii darbe, doonichi erga Maanilaa irraa ka’ee bakka daawwannaa turistootaan beekamuu Koron ga’uuf yeroo dhihaatetti ka’e.

    Namoonni 43 lubbuun baraaramaniiru; hedduun isaanii mana yaalaa geeffamanii yaalamaa jiru. Haa ta’u malee, namoonni 50 ol ammallee hin argamne, barbaachisii isaanii itti fufeera.

    Eegdoti Qarqara Galaanaa biyyattii akka jedhanitti, reeffi dabalataa ammallee doonicha keessa jira. Garuu hanga Jimaataatti, gaasii summii qabu fi ho’i cimaa doonicha keessa waan tureef, keessa seenuun hin danda’amne.

    Akkan isaan jedhanitti reeffi baay’een kutaa ciisichaa keessatti argame. Doonichi imala sa’aatii 22 fudhatu irra ture.

    Gaaffii fi deebii eegdoti qarqara galaanaa namoota lubbuun baraaramanii waliin taasiseen, ibiddi kun kutaa fe’umsaa doonichaa (cargo hold) keessaa jalqabuu isaa tilmaamameera.

    Akkasumas, imaltoonni tokko tokko yeroo balaa kanaa jaakkeetiin lubbuu baraarsuu (life vest) hin uffanne turan.

    Abbaan Taayitaa Geejjiba Galaanaa Filippiins, sababaa fi haala balaa kanaa qorachaa jira.

    Doonichi bara 2002 keessa ijaarame kun, ragaa nageenyaa seeraan barbaachisu qaba ture, akkasumas Bitootessa darbe keessa sakatta’iinsa nageenyaa dabree ture.

    Haa ta’u malee, qorattoonni amma fe’umsi doonichaa sirrii ta’uu akkasumas pirootokoolii deebii hatattamaa hojjettoonni fudhatan irratti qorannoo gaggeessaa jiru.

    Doonichi yeroo balaa kanaa imaltoota 117 fi hojjettoota 17, waliigalaan namoota 134qaba ture.

  3. MM Abiy Kora BRICS Indiyaatti hirmaachaa jiru cinaatti hoggantoota biyyootaa waliin mariyatan

    Yeroo haalli nageenyaa Galaana Diimaa fi Yaman keessatti daran hammachaa jirutti Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa Abiy Ahimad Pirezidaantii Iraan waliin marii gaggeessuu ibse.

    Abiy Ahimad, walga'ii hoggantoota BRICS 18ffaa irratti hirmaachuuf Indiyaa Jimaataa, Fulbaana 11, 2026 magaalaa Niiwu Deelihii galeera.

    Yaa'iin BRICS 18ffaa Fulbaana 12 fi 13, 2026, Niiwu Deelihii keessatti gaggeeffamaa jira. Indiyaan bara kana BRICS kan keessummeessitu yoo ta'u, Muummichi Ministeeraa Naarendiraa Moodii hoggantoota biyyoota miseensa BRICS ta'an simachaa jira.

    Itoophiyaan miseensa haaraa garee kanaa keessaa tokko kan taatee, miseensummaa ishee Amajjii 1, 2024 irraa eegalte.

    Yaa'ii BRICS cinaatti MM Abiy har'a Pirezidaantii Iraan Masuud Pezeeshkiyaan waliin marii gaggeesseera jechuun fuula Feesbukiisaa irratti maxxanse.

  4. Sa'udiin haleellaa diroonii irratti raawwatameen ujummoo ittiin boba'aa dabarsitu murteessaa cufte

    Sa'ud Arabiyaan haleellaa diroonii daagaa Iraaq keessaa irratti raawwatame hordofee ujummoo ittiin boba'aa dabarsitu murteessaa cufte. Kun ammoo walitti bu'iinsi Baha Giddugaleessaa keessa jiru babal'achaa deemuu isaa agarsiisa jedhamaa jira.

    Haleellaan kun bulchiinsa Sa'ud Arabiyaa gama daangaa Iraaq jirurraan akka raawwatame mirkanaa'eera. Kanaan walqabatees, ajajaan waraanaa itti gaafatamummaarraa ka'ee qorannoon akka irratti jalqabamu Iraaq beeksifteetti.

    Ujummoon boba'aan ittiin dabarsitu kiiloomeetira 1,200 dheeratu kun, addunyaarratti jikita boba'aa gabaa addunyaaf dhiyeessuun ishee guddoo kan taate Sa'ud Arabiyaan, erga sababa waraana Iraaniin Ulaan Hormuuz cufatee booda toora gabaaf dhiyeessuuf akka filannootti itti gargaaramtudha.

  5. Waraanni Iraan waliin taasifamu waadaa haleellaa 9/11’f deebii kennuuti- Pirezidant Tiraamp

    Dooniiwwan boba’aa fe’an karaa Ulaa Hormuuz darban eegumsi waraanaa isaaniif taasifamu akka mirkanaa’uuf sa’aati murtaa’e keessatti qofa akka darbaniif Ameerikaan gaafachuushee Financial Times gabaaseera.

    Ameerikaan gaaffii kana kan dhiyeessite haleellaan Iraan dooniiwwan karaa Ulaa Hormuuz halkan darbanirratti taasiftu hammachaa dhufuu isaa hordofee ta’uun ibsameera.

    Akka gabaasni agarsiisutti, Caamsaarraa kaasee qarqara galaanaa Omaan irra akaasee, kana jechuunis gama kibba Ulaa Hormuuzirrraan dooniiwwan darbuuf yaalan Ameerikaan humna qilleensaasheetiin eegumsa gochaafiif turteetti.

  6. Tiraamp haleellaa 9/11 Iraan waliin walqabsiisan

    Pirezidant Tiraamp haleellaa waggoota 25 dura gamoowwan daldalaa lakkuu magaalaa Niw Yoork irratti mudate waraana amma Iraan waliin taasisaa jiraniin walqabsiisaniiru.

    Yeroo ammaa Ameerikaafi Iraan walitti bu'iinsarra jiru.

    Tiraamp akkuma Ministirri Ittisaa US Piit Hegset haleellaa 9/11 kan Iraan waliin walqabsiisuun 'waggaa 25 waadaa seenne har'a haaressina' jedhan.

    Akka guyyaa har'aa kana ''biyyi akkamiin akka ijaaramtu baranna'' jedhan.

    Hojii miseensota waraanaa jajuun hojin isaanii Iraan dura dhaabbachuus itti fufu himan.

    Iraan yoomuu meeshaa nikularaa akka hin hidhanne miseensonni waraanaa itti jiran akka kabajaa qabanif himan.

  7. Haleellaa Wallagga Lixaa Warshaa Warqee Tulluu Kaappiitti mudate kan beeknu

    Pirojektiin Warqee Tulluu Kaappii Godina Wallagga Lixaa, aanaa Ganjiitti argamu rakkoo nageenyaa Fulbaana 4, 2026 mudateen yeroof dhaabbachuu Dhaabbanni KEFI jedhamu beeksiseera.

  8. 'Yoomuu hin dagannu' - Tiraamp waa'ee haleellaa 9/11 dubbatan

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp wagga 25ffaa sirna yaadannoo haleellaa 9/11rratti ' haleellaa sana nuti tasumaa hin irraanfannuu' jedhan.

    Sirni yaadannoo haleellaa giddugala daldalaa addunyaa Niwuyorkitti raawwate yaadachuuf sagantaa Pentaaganitti qophaa'erratti Tiraamp kana dubbatan.

    Tiraamp ‘alaabaan keenya mallattoo haqaa fi walabummaati’ jedhan.

    Tiraamp haleellaan Fulbaana bara 2001 qaqqabe 'anniisaa jibbi qabu nu yaadachiisa' jechuun haasaa isaanii goolaban.

    Waggoota 25 har'aa barii bakka namoonni hundi jireenyasaanii idileetiif itti bahanitti garuu addunyaan itti geeddaramte.

    Guyyaa sanatti xiyyaaroonni butaman afur gammoowwan lama kan akka mallattoo dinagdee, siyaasaafi aangoo waraanaa UStti ilaalaman jigsan.

    Haleellaan 9/11 kan namoota 2,996 galaafate kun US keessatti haleellaa isa cimaafi kan dhiibbaansaa hanga har'aattilleen mul'atudha.

    Haleellaa sanaan booda ture weerara Afgaanistaaniifi Iraaq, dabalatee US waraana ''shororkeessaa'' irratti gaggeeffamu jedhamuun kan eegalte.

    Sadarkaa dhuunfaatti ammoo, dhaloonni guutuun hanga ammaatti wayita taateen sun mudachuu wayita dhagahaniitti eessa akka turan ni yaadatu.

    Goolamni daqiiqaawwan 149 attamiin guyyaa sana ganama wal duraa duubaan itti mudate kunooti.

  9. Ameerikaan Huutii dura dhaabbachaa kan jirtu Sa'udiif gorsitoota 100 ergite

    Hidhattoonni Huutii bakkeewwan murteessoo Yaman keessa jiran toa'chuun haleellaa Sa'udiirratti taasisan cimsaa yeroo jiran kanatti, Ameerikaan gorsitoota raayyaa Sa'udii gargaaran 100 ol biyyattii keessatti bobbaasuun gabaafameera.

    CNN dhimma kanarratti namoota odeeffannoo qaban shan eeruun akka gabaasetti, gorsitoonni Ameerikaa 100 ol ta'an Sa'ud Arabiyaa keessatti hojiirra jiru. Aanga'aan Ameerikaa tokko ammoo lakkoofsi hojetoota ergama kana keessatti hirmaatan 200tti kan siqu ta'uu ibseera.

    Bobbaafamuun deeggarsa gorsitoota loltuu Ameerikaa kun kan dhaga'ame haleellaan hidhattoota Huutii Yaman irraa Sa'udiirratti tasifamu yeroo itti cimaa dhufettidha.

    Gorsitoonni kunneen sochii dhabuudhaaf Huutii taasisu Wiirtuu Izii Waloo dhiyeenya kana hundeeffame keessa tajaajilaa jiraachuuti humame.

    Wiirtuun kun kan hundeeffame deeggarsi Iraan garee Yaman kanaaf taasiftu guddachaa jiraachuu mallattoowwan agarsiisan erga argameen boodadha.

    Gareen kun gara bulchiinsa Sa'udiitti misaa'elootaafi diroonota dhukaasaa tureera.

    Deeggarsi Ameerikaa xiinxala odeeffannoo loltummaa, akkasumas ajajoonni Sa'udii sochii dirree waraanaarratti taasisan kallattiin akka hordofaniif tekinooloojii isaan dandeessisu akka dabalatu gabaafameera. Akkasumallee, Ameerikaanonni odeeffannoo qiyyaafannoowwan adda baasuufi gamaggamuuf gargaaru dhiyeessaa jiraachuutu ibsame.

    Tumsi Ameerikaan Sa'ud Arabiyaa waliin taasiftu jabaataa deemellee, loltoonnishee kallattiin waraana keessatti hin hirmaatan.

    Ergamni isaa adda durummaan qophii karooraa humnoota Sa'udii, hojii waloominaa, akkasumas dandeettii raawwachiisuu isaanii guddisuurratti akka ta'edha.

    Maddeen ergamni kun michummaa waraanaa biyyoota lamaan gidduu yeroodheeraaf ture qaama daran jabeessuuti jedhanii dubbatu.

  10. Huutiin Yaman Sa'ud Arabiyaa waliin lola seenuuf jedhuu?

  11. Qarqara galaanaa Yaman to'achuun Galaana Diimaarratti yaaddoo uumuu Huutii fi waamicha Iraan

    Hidhattoonni Huutii Yaman karaa Galaana Diimaa gara ulaa murteessaa ta'e Baab El Meendeb geessutti dhiyaatanii buufataawwan galaanaa to'achaa wayita jiran kanatti Iraan mariin akka jalqabamuuf waamicha dhiyeessite.

    Ministeerri dhimma alaa Iraan waraana michuu Iraan kan ta'an hidhattoonni Huutii Yaman keessa jiran gaggeessuuniin walqabatee jijjiirama dhufaa jiru eeruun ibsa baaseen marsaan waraanaa Yamanirra kaa'ame akka irraa ka'uufi mariin jalqabamu waamicha dhiyeesseera.

    Ibsi karaa madda oduu mootummaa Iraan IRNA ifa ta'e kun, "Rippabilkni Islaamaa Iraan, barbaachisummaa faayidaa ummata Islaamaa eeguu hubachiisuun, ... haleellaafi babal'achuu sirna warra Tsiyoonootaa deeggarsa Ameerikaatiin babal'ataa jiru dura dhaabbachaa wayita jirtutti rakkoon Yaman marsuufi humna waraanaan hiikamuu akka hin dandeenye akeekkachiifti," jedheera.

    Ministeerri dhimma alaa Iraan itti dabaluun, humnoonni Yaman, "akkaataa karoora nagaa irratti waliigalaniin marichi hatattamaan akka itti fufuufi dhimmoonni irratti waliigalame hojiirra ooluun" barbaachisaa ta'uu isaa cimsee akeekkachiisuun, Iraan "carraaqqii kamiyyu deeggaruudhaaf qophiidha," jedheera.

    Ibsi Iraan kun kan bahe, Huutiin buufata doonii Mokaa Yamanitti argamu dabalatee biyyattii keessatti bakkeewwan gara garaa to'achuun fuulduratti deemaa kan jiran yoo ta'u, humnoonni mootummaa Yaman Sa'ud Arabiyaatiin deeggaraman duubatte deebiyaa jiraachuun yeroo gabaafamaa jiruttidha.

    Fulbaana 10, 2026 humnoonniifi michoonni Yaman Sa'ud Arabiyaarraa deeggarsa argatan buufata doonii biroo Dubaab jedhamtu keessaa bahuun isaanii gabaafameera.

    Buufanni galaanaa Mokaa kun harka Huutii galuun, Iraaniin kan deeggaramu Huutiin toora Galaana Diimaa karaa boba'aafi shaqaxawwan keessa darban irratti to'annoo isaa ni cimsa.

    Ulaan galaanaa kun ulaa galaanaa Baab El Mendeb bakka Galaanni Diimaa Garba Indiyaa waliin walitti ba'utti kan argamu waan ta'eef, sochii galaanarra taasifamuuf murteessaadha.

    Dabalataanis akka burqaan oduu Faransaay AFP madda waraanaa tokko eeruun gabaasetti, Huutiin, "bidiruuwwan rookkeettiiwwaniifi hidhattoota fe'atan gargaaramuun waraana bananiin, "odola Zaaqir jedhamtu gama Kibba Galaana Diimaan jirtu to'ataniiru.

    Kun osoo kanaan jiruu, kan Huutiin akka diina tokkoffaatti ilaalan ministirri dhimma alaa Sa'ud Arabiyaa Faayisal Bin Faarihaan gita isaa Iraan Abbaas Araagchii waliin haala yaman keessa jirurratti bilbilaan dubbataniiru.

    Sa'udiin mootummaa Yaman kan beekamtii idiladdunyaa qabuufi hidhattoota farra Huutii kan deeggartu yoo ta'u, Iraan ammoo michuu warra Huutii ta'uun ishee ni beekama.

    Odeeffannoo dabalataa kana waliin deemaniif:

  12. ASHAMAA!

    Oduu tamsaasa kallattiin isin biraan geenyu kan har'aa jalqbneerra.

    Ameerikaan doonii boba'aa Iraan rukkutte, Teehraan buufata US Yordaanos jiru haleeluun haaloo baate

    DHIYAADHAA!