Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Mariin Iraan waliin taasisan milkaa'aa jiraachuu Maarkoo Ruubiyoo hime

Tiraamp mariin nagaa Iraan waliin taasisan waliigalteerra gahamaa jiraachuu hime. Maarkoo Ruubiyoos fooyya'insa guddaa jira jedhe.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Waliigalticha fudhachuuf hin ariifatiinaa- Tiraamp

    Tiraamp akkas jechuun Truth Social irratti maxxanse.

    “Waliigalteewwan biyya keenya keessatti yeroo hundumaa irratti mallatteeffaman keessaa isa hamaa kan ta’e keessaa tokko waliigaltee nukileeraa Iraan kan Barack Hussein Obama fi garee mootummaa isaa muuxannoo hin qabneen qophaa’ee fi mallatteeffamedha.

    Innis Iraan karaa sirrii ta’een meeshaa nukiliyeeraa gabbisuu itti fufuu akka dandeessu godha ture.

    Garuu waliigaltee yeroo ammaa mootummaa Traampiin Iraan waliin irratti hojjetamaa jiru kun akkasii miti—dhugumatti faallaa isaa ti!

    Mariin karaa sirna qabuu fi haala jajjabeessaa taheen deemaa jira; ani dabalataan bakka bu’oota koo akka hin ariifannee iyyuu itti himeera, sababni isaas yeroon gara keenyadha.

    Uggurri amma jiru guutummaan itti fufa, hanga waliigalteerra gahamee lamaan keenyayyuu sanadicha harkatti qabannutti.

    Dogoggorri tokko illee hin jiraatin! Hariiroon keenya Iraan waliin yeroo ammaa kana caalaatti sirna qabeessa fi bu’aa qabeessa ta’aa jira. Garuu isaan waan tokko hubachuu qabu—meeshaa nukileeraa yookaan boombii nukileeraa gabbisuu yookaan argachuu hin danda’an.

    Hanga ammaatti biyyoota Baha Giddugaleessaa hunda tumsa isaanii fi deeggarsa isaaniif galateeffachuuf fedha.

    kunis dabalataan akka cimu fi guddatu taasifamuudhaan biyyoota waliigaltee seenaa qabeessa Abraham Akkordis seenan akka thu hojjenna. Maaltu beeka Iraan ofuma ishee illee itti hirmaachuu barbaaddi ta’a!

    Dhimmicha irratti xiyyeeffannaa keessaniif galatoomaa. Pirezidaantii DONALD J. TRUMP” jechuun maxxanse.

  2. Eeyyama hoganaa olaanaa malee waliigaltee kamuu hin raawwatu- Pirez. Iraan

    Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeshkiin murteen kamiyyuu eeyyama hogganaa olaanaa sadaffaa Mojtaaba Kaamenii malee hin raawwatu jedhe.

    Kana kan jedhan erga MM Iraan Kamraan Gazanfarii torban darbe ''eeyyama Kaameni malee'' waliigalticha fudhatte jedhee isa qeeqeeti.

    Mojtaba Kameenii kan amma ganna 56 tahe, erga Bitootessa 8 Hogganaa Olaanaa Iraan tahuun abbaa isaa ajjeefame bakka bu'ee miidiyaan mul'atee hin beeku.

    Yeroo abbaan isaa ajjeefame madaa'uu akka hin hafnes ibsamaa kan ture hogganichi dhiyeenya qondaalonni Iraan isa dubbisaa akka turan gabaafameera.

  3. Waliigalteen Iraanii fi Ameerikaa irra gahaa jiran maal of keessaa qaba?

    Miiidiyaan Axios akka gabaasetti wixineen waliigaltichaa dhukaasa dhaabuu guyyoota 60 qaba.

    Qondaala US tokko wabeeffachuun akka gabaasetti, Ameerikaan uggara sochii buufataalee doonii Iraan irra keesse kaasti.

    Iraan tasumaa meeshaalee nuukileera hidhachuu hin qabdu.

    Ameerikaan ammoo qoqobbii irra keessee turtee fi qabeenya akka hin sochoone uggurte kaasuu dandeessi.

    Humni waraanaa Ameerikaa yeroo dhukaasa dhaabuu guyyoota 6o sana naannichuma keessa turu.

    BBC'n addatti mirkaneeffachuu hin dandeenye. Niw York Taayimsis akka gabaasetti Iraan nuukilera ishee gabbisaa turte ni dhiisti.

  4. Iraaniif gonkumaa meeshaan nuukileeraa eeyyamamuu hin qabu- Gamtaa Awurooppaa

    Pirezidaantiin Gamtaa Awurooppaa Ursula von der Leyen, Ameerikaa fi Iraan waliigalaa jiraachuun waan gaariidha jettee garuu Iraaniif meeshaan nuukileeraa eeyyamamuu hin qabu jette.

    Fuula X irratti akka barreesitetti waliigaltichi waraana Baha Gidduugaleessaa qabbanneessa jette.

    Garuu Hulaa Hormuuz keessa dooniiwan darban kaffaltii kaffaluu hin qaban, bilisaan socho'uu qabu jette.

    Von der Leyen ''Iraan naannicha jeequu fi biyyoota Gaalfi ollaashee jiran haleeluu dhaabuu qabdi'' jette.

    Awurooppaan qaamolee idil-addunyaa waliin tahuun carraa kanatti fayyadamee naannichatti nagaa fiduuf hojjeta jette.

  5. Iraan gabbisa nuukileeraa dhiisuuf waadaa hin seenne

    Miidiyaan Iraan Tasnim akka gabaasetti wixinee waliigaltee Iraanii fi Ameerikaa irratti Iraan nuukileera ishee hundaa dabarsitee kennuuf waadaa hin galle.

    Humni Eegdota Warraaqsa Iraanitti miiidyaan hidhata qabu kun mariin dhimma gabbisa nuukileeraa hanga waraanni akka dhaabbatu waliigalamutti darbe jedhe.

    Wixineen ammaa waraana guutummaan dhaabuu kan jedhu irratti xiyyeeffata. Garuu waa'ee gabbisa nuukileeraa waan qabate hin qabu.

  6. 'Fooyya'insi jira garuu hin xumuramne' jedhe Maarkoo Ruubiyoo

    Ruubiyoon Iraan tasumaa nuukileera hin hidhattu jedhe.

    Kun waan Tiraamp jedhe waliin wal sima. Pirezidaantichi [Tiraamp] dhimma nuukileeraa irratti waan Iraaniin bakka guddaa kaa'u irratti waliigaluun waan hin fakkaanne jedhe.

    Karaa marii dippilomaasii waraanicha xumuruun filannoo Ameerikaa tures jedhe Ruubiyoon.

    ''Akkan yaadutti waan gaarii irra gahaa jirra. Addunyaan sa'aatiiwan itti aanan keessatti oduu gaarii dhageessi, garuu isa dhumaa miti'' jedhe.

    Garuu ammayyuu waan irratti hojjennu jira jedhe.

  7. Waliigaltee Ameerikaa fi Iraan irratti eenyu maal jedhe?

    Doonaald Tiraamp Sanbata kaleessaa Iraan waliin qabxiilee dhiyaatan gara caalu irratti waliigalleerra jedhe.

    Kun hulaa Hormuuz deebisanii banuu dabalata jedhe.

    Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Esmaayil biyyoonni lameen wal tahaa jiraachuu hime. Garuu ibsi US waan wal dhahu akka qbau hime.

    Miidiyaan Iraan Tasnim ganama kana Hulaan Hormuuz akkaataa waliigaltee kanaatti takka isa yeroo waraana duraatti hin deebi'u jechuun gabaase.

    Ministeerri Dhimma Alaa Paakistaan Ishaaq Daar waraana Iraan hordofee marii gaggeeffamaa jiru irraa bu'aan furmaata waaraa qabuu fi gaarii tahe argamaa jira jedhe.

  8. Tiraamp Hulaa Hormuuz banuu dabalatee Iraan waliin qabxiilee hedduu irratti wal taaneerra jedhe

    Doonaald Tiraamp Iraan waliin qabxiilee dhiyaatan kessaa ''irra caalaa isaanii irratti waliigalameera'' jedhe.

    Maal irratti akka waliigalame fuulduratti akka ibsan hime.

    Waliigaltichi Hulaa Hormuuz deebisanii banuus dabalata jedhe.

    Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Esmaayil Baqaayi miidiyaa mootummaa biyyichaatti akka himanitti, ejjennoon Iraanii fi Ameerikaa amma walitti dhufaa jira jedhan.

    Garuu dhimmoota ijoo irratti waliigalteerra geenyeerra jechuu miti jedhe. Inumaayyuu Ameerikaan ibsa ''wal dhahu'' baaste jechuun qeeqan.

    Tiraamp miidiyaa hawwaasaa irratti gaggeesitoota Saawud Arabiyaa, UAE, Kaataari fi kaan waliin dhimma ''Waliigaltee Wal Hubannoo Nagaa,'' fidu irratti marii gaarii taasifneerra jedhan.

    "Irra caalaa isaanii irratti waliigalleerra. Garuu xumurri isaa kan hundaa'u Ameerikaa, Iraanii fi michoota kaan irrattidha'' jedhe Tiraamp.

  9. Buruunoo Fernaandeez taphataa cimaa Piriimeerliigii bara kanaa jedhamuun filame

    Taphataan Manchestar Yunaayitid Buruunuu Fernaandeez taphataa cimaa Piriimeerliigii bara kanaa jedhame.

    Taphataan sarara gidduu lammii Poorchugaal kun ji'uma kana Waldaa Barreessitoota Kubbaa Miilaa dhiirotaan taphataa cimaa bara kanaa jedhamee filamuunsaa ni yaadatama.

    Buruunoo kubbaa galchii 20 mijeessee kennuunis bara kana Piriimeerliigii keessaa dorgomaa hin qabu.

    Taphoota 37 irratti hirmaatee galchiiwwan 8 lakkoofsisuun Manchestar Yunaayitid sadarkaa 3ffaan akka xumuru gargaaruu keessatti gahee guddaa bahateera.

    Bara kana Piriimeerliigii keessaa carraa uumuunis kan isatti gitu hin jiru- carraawwan 132 uumuun isatti aanee kan jiru taphataa Liivarpuul carraa Doomniik Soboslaayi carraa 43 uumun caalera.

    Erga bara 2011 taphataan sarara Viidich taphataa cimaa Piriimeerliigii jedhamuun filamee as Fernaandees taphataa cimaa Piriimeerliigii isa jalqabaati.

  10. Masriin karoora biyyashee gumbii midhaanii gochuu akka qabdu beeksifte

    Masriin karoora biyyashee gumbii midhaanii gochuu akka qabdu ministeerri dhiyeessii biyyattii beeksise.

    Biyyi qamadii baay'inaan Raashiyaarraa bittu Ijipt, wiirtuu daldalaa fi man-kuusaa oomishaa midhaanii addunyaa uumuuf akka karoorsite, Ministirri Dhiyeessii Sheriif Faaruuk ibsan.

    Faaruuk kana kan dubbatan yaa'ii dhimma oomishaalee midhaanii Raashiyaa magaalaa Sochitti taa'amerratti.

    Faaruuk akka jedhanitti, Ijipti kanaaf tarsiimoo bal'aa fi mul'ata guddaa kan qopheessite yoo ta'u, kunis biyyattii wiirtuu kuusaa, bulchiinsaa fi daldala oomishaalee midhaanii Baha Jiddugaleessaa, Afrikaa fi naannolee biroo gochuufi.

    Kana jechuun, "Ijipti wiirtuu oomishaalee midhaanii addunyaa ta'e hundessuu barbaaddi," jedhan.

    Itti dabaluunis pirojektichi kuusaa midhaanii ammayyaa, sirna geejjibaa, fi buufataalee warshaa piroses godhuu, fi kuusuu akka dabalatu ibsan.

    Gabaa daldala oomishaalee midhaanii Ijiptii fi Raashiyaa sirna daldala midhaanii Ijipti kana ammayyeessuu, tilmaama gatii oomishaalee qopheessuu, fi iftoomina sirna dhiyeessii mirkaneessuu keessatti waliin hojjechuuf dandeettii akka qaban dubbatan.

    "Ijipti sirna hordoffii fi to'annoo oomisha midhaanii qopheessuu keessatti hariiroo Raashiyaa waliin qabdu cimsuu itti fufti.

    Carraaqqiin kunneen hundi iftoominaa fi damdamannaa gabaa ooomishaalee midhaanii tarsiimawoo fooyyessuufi" jedhan Faaruk

  11. Chaayinoonni 90 ta'an albuuda cilee baasaa osoo jiran dhowiinsaan dhuman

    Lammiileen Chaayinaa 90 ta'an kaaba Chaayinaatti albuudan cilee baasaa osoo jiranii dhowiinsa uummameen dhumuu isaanii miidiyaan mootummaa gabaase.

    Dhoowiinsi gaazii kun kutaa bulchiinsa Shanxi jedhamu keessatti kan argamu buufata albuuda cilee dhakaa Liushenyu jedhamu kaampaaniin Tongzhou Group bulchu mudate.

    Lubbuu baraartonni dhibbaan lakkaawaman garas ergamanii jiru. Viidiyoon miidiyaa mootummaa akka agarsiisetti ogeeyyiin fayyaa meeshaalee lubbuu baraarsaa qabatanii buufatichatti mul'atanii jiru. Ambulaansonni isaan duukaa mul'atu.

    Namoonni 100 caalan hospitaala geeffaman. Ammallee carraaqqiin lubbuu baraaruu itti fufe.

    Balaan kun kan mudate Jimaata galgala aklka biyyattiitti sa'aatii 01:29 irratti jedhameera. Wayita balaan kun mudatetti buufata albuudaa kana kan hojjetan hojjettoonni 247 hojiirra turan.

    Balaa kan hordofee Pirezdaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing carraaqqiin lubbuu baraaruu akka cimuu fi kan miidhaman akka waldhaansa hatattamaa argatan waamicha godhan.

    Mootummaan ka'umsa balaa kanaa akka qoratuu fi gaafatamummaan akka hordofu gaafatan.

  12. Yukreen doormii barattootaa haleeluu booda Puutin haaloof dhaadate

    Yukreen Baha kutaa ishee jalaa weerarame keessatti kutaa bultii barattootaa irratti haleellaa hamaa raawwachuuu hordofee Pirezdantiin Raashiyaa Vilaadimir Puutin haaloo bahuuf dhaadate.

    Haleellaa Yukireeniin namoonni 10 yoo ajjeefaman, 38 kan ta'an madaa'an.

    Haleellaan kun halkan keessa kutaa Luhaansk magaalaa Staaroobilisk keessatti raawwachuu bulchaan naannichaa kan mootummaa Raashiyaa dubbate.

    Kanneen biroo 11 ta'an immoo achi buuteen isaanii dhabamuu hime.

    Waraanni Yukireen cibraa buufata waajjira olaanaa bobbii diroonii Raashitaa Rubicon drone kan Staaroobilisk keessatti argamu rukutuu beeksise.

    Gamoon rukutame kan Raashiyaan himattu haa ta'uu, haa dhiisuu adda hin baafne.

    Puutiin garuu "naannoo sanatti buufanni waraanaa, buufanni tajaajila tikaa ykn tajaajilli kanaan wal qabatu tokkollee hin jiru" jedheera.

    "Kanaafuu, hidhannoon sirna ittisa qilleensaa ykn meeshaan waraanaa elektirooniksii waan achi tureef gamoo san rukunne jechuuf ragaan guutuu miti," jedhe sagantaa simannaa masaraa mootummaa Kireemliin Moskoo keessatti Jimaata dubbateen.

    Puutiin loltootn Raashiyaa tarkaanfii haaloo ba'iinsaaf akka of qopheessan ajajeera.

    Hogganaan Raashiyaa kun haleellaan Yukireen diroonota 16 fayyadamtee marsaa sadiif haleellaa akka raawwatte dubbateera.

    TV'n mootummaa Raashiyaa barattoota miidhaman keessaa tokko kan argisiise yoo ta'u, maqaa ishee Diyaanaa Shovkuun, nama ganna 19 ti.

  13. US Iraan haleeluuf qophaa'aa jiraachuun himame

    Iraanifi Ameerikaan dhibdeesaanii mariin akka furaniif tattaaffiin dippilomaasii itti fufee yeroo jirutti, US haleellaa haaraaf qophaa'aa jiraachuunshee dhagahame.

    Miidiyaan US michuu BBC ta'e CBS News maddeen keessoo argadheera jechuun akka gabaasetti, US haleellaa haaraa Iraanirratti gaggeessuuf qophiirra jirti.

    Waraanni Ameerikaa qophii jiraachuu kan ibse gabaasni kun, haa ta'u garuu Doonaald Tiraamp haleellaan akka gaggeeffamuuf murtii dhumaa hin dabarsine.

    Doonaald Tiraamp dhiyeenya sababa waraana Iraanifi dhimmoota hojii mootummaa biroof jecha cidha ilma isaarratti argamuu dhiisuu akka danda'u ibsee ture.

    Qondaalonni waraanaafi tikaa Ameerikaa boqonnaa fudhachuuf turan illee karoora boqonnaa fudhachuu haquusaanii maddeen garaa garaa ibsaniiru.

    Loltoonni Ameerikaa buufataalee waraanaa Baha Giddugalaa keessa jiranis, haleellaa Iraan deebistee gaggeessituuf akka hin saaxilamneef akka bahaa jiranis himame.

    Gama biraan ammoo Paakistaan biyyoonni lamaan mariin waliigalteerra akka gahaniif tattaaffii guddaa gochaa jirti.

    Paakistaan ajajaa waliigalaa humnoota waraanaashee gara Teehraanitti ergiteetti.

  14. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya kan Samabataa eegallee jirra.

    USfi Iraan waliigalteen waraanatti xumura akka godhaniif tattaaffiin dippilomaasii itti fufeera.

    US garuu haleellaa waraanaa biraaf qophiitti jirti oduun jirus dhagahamaa jira.

    Odeessawwan biyya keessaafi kan idil-addunyaa faana dhoofnee isin biraan geenya.

    Toora marsariitii, facebook,Youtube fi WhatsApp BBC Afaan Oromoo ilaalaa.

    Dhiyaadhaa!