Hogganaan olaanaa Iraan Mojtaabaa Kaamenii, biyyoonni Musliimaa, keessumaa biyyoonni naannoo Galoo galaanaa, diina isaanii isa dhugaa akka addaan baafatan waamicha dhiyeessan.
Kaameeniin ergaa barreeffamaan har’a dabarsaniin, qoqqoodamuun Musliimota gidduutti uumamu humnoota isaan morman fayyaduu danda’a jedhaniiru.
Ergaan kun kan dabarfame yeroo Torban Tokkummaa Musliimotaa kabajamaa jirutti. Torban kun dhaloota Nabi Muhammad yaadachuuf kabajama.
Kaameniin biyyoonni fi ummattoonni Musliimaa tokkummaa isaanii cimsanii, keessumaa dhimmoota nageenyaa fi ittisaa irratti waliin hojjechuu qabu jedhaniiru.
Isaan akka jedhanitti, namni ykn qaamni kamiyyuu, beekaa ykn osoo hin beekin, Musliimota gidduutti qoodinsa uumuu yoo yaale, diinota Islaamaa gargaaraa jira jechuu dha.
Kaameniin, Musliimoonni tokkummaa cimaa qabaachuu utuu danda’anii, ummanni Filisxeem haala har’aa kanaan gargaarsa malee hin hafan ture jedhan.
“Diina keessan isa dhugaa beekaa”
Hogganaan olaanaan Iraan keessumaa biyyoota fi mootummaa naannoo Galoo galaana Arabaa jiran, diina isaanii isa dhugaa akka adda baafatan dhaamaniiru.
Isaan akka jedhanitti, ummattoonni fi mootummaa biyyoota Galoo galaanaa Arabaa “Dibaabee Islaamaa tokkoo jalatti” tokkummaa qabaachuu utuu danda’anii, namoonni isaan “Diinaa” jedhan, lafa fi qabeenya isaanii qabachuuf hin yaalan ture.
“Gorsa koo cimaan irra deddeebi’ee isinitti himu , diinni keessan isa dhugaa eenyu akka ta’e beekaa, karoora isaanii hubadhaa dura dhaabbadhaa.” jechuun biyyoota Islaamaa, keessumaa biyyoota Lixaa Eeshiyaa fi naannoo Faarsi keessa jiranitti ergaa dabarsaniiru.
Ergaan Kaamenii kun, yeroo walitti bu’iinsi naannoo Baha Giddugaleessaa itti hammaataa jirutti, Iraan fi biyyoota Musliimaa biroo gidduutti tokkummaa fi tumsa cimsuuf waamicha siyaasaa ttaasifamedha.