Danqamuu

Afrikaanota waraana biyya fagoo ta'e keessatti booji'amanii jiran

Bal'inaan ilaaluuf gadi sololaachisaa

Qondaala waraanaa Koongoo-biraazaavil duraanii kan ta'e Liid Beeverlii harka isaa quboota isaa hanga tokko irraa dhabe suuta qabateera.

Hospitaala booji'amtoota waraanaa Yukireen bahaa jiru keessa taa'ee jira.

Umuriin isaa waggaa 28 kan ta'e loltuun kun wayita gareen BBC dhuma Bitootessaa keessa lakkoofsi Afrikaanotaa waraana Raashiyaa-Yukireen keessatti hirmaatanii dabaluu ilaalchisee odeeffannoo bal'inaan argachuuf bakka sana daawwatetti achi keessa ji'a sadii dabarseera.

Akka lakkoofsi Yukireen irraa argame agarsiisutti, booji'amtoota waraanaa bara darbe qabaman namoota saddet keessaa tokko Afrikaa irraati. Loltoota biyya alaa 27,000 Raashiyaan qabdi jedhamu keessaa %10 kan ta'an Afrikaanota akka ta'an amanti Yukireen.

Beeverliin afaan Raashiyaa baayyee qulqulluu ta'een miidhaa irra gahe "osoo waraanarra jirruu sababa qorra baayyee hamaa ta'een qaamni kiyya na goge. Yeroo to'annaa jala oolfamu gowaantii harkaa hin qabu," jechuun ibsa.

"Miilla keenyaan deemaa turre. Akka malee baayyee qorra ture."

"Qorri akka malee qaama koo na goggoseera," jedha.

Waggaa torba dura loltuu dargaggeessa wayita turetti dhaabbata humna galaanaarraa barumsa akka aargatuuf gara Raashiyaatti ergame. ISaan booda ammoo gaa'ela godhatee mucaa intalaa dhalfate. Rakkoon maallaqaa isa waan mudateef qoricha sammuu nama adoochan gurguruu jalqabe. Sbaba kanaanis hidhame. Hidhaarra osoo jiruu waraana kanarratti yoo hirmaate akka bilisa bahu itti himame.

"Yakkan hojjedhe sirriissuuf Raashiyaa tajaajiluun murteesse. Kanaaf, gara adda waraanaatti na ergan," jechuun natti himeera.

Yukireen booji'amtoota waraanaa haala gaariin qabaa jiraachuu argasiisuuf yaalii taasiftuun, ji'a ji'aan Kamisa isa dhumaarra bakka booji'amtoonni waraanaa tursiifaman sabaa-himaaleen akka daawwataniif banaa gooti.

Beverliin akkaataa itti qabamaa jirurratti komii akka hin qabne dubbata. Hakiimonni gaariidha, jireenyi kaampii keessaa ammoo akkuma jireenya loltummaa dadhabsiisaadha.

Wiirtuu booji'amtoota waraanaa Afrikaa Yukireenitti argamu Sadaasa Mudde 26, Getty Images.

Haata'u malee, yeroo gaaffiifi deebii biyya isaa waraana kanarraa bilisa jedhuufi maatii isaa dhiifama akka gaafataniif gaafata. Waan hunda caalaa kan barbaadu walitti bu'insi akka dhaabbatudha.

“Qaamoleen lachuu waan baayyee dhabaniiru. Argeera. Fokkisaadha.

Luud Beeverlii
Booji'amtoota waraanaa Yukireen keessaa

Booji'amtoota waraanaa

Booji'amtoonni waraanaa na waliin dubbachuuf hayyamamoo ta'an walumaagalatti karaa garaa garaatiinidha kan waraanichatti makaman. Baayyeen isaanii gara Raashiyaatti deebiyanii miindaa isaanii fudhachuu barbaadu. Eenyullee gara adda waraanaatti deebiyuu hin barbaadu.

Jalqaba yeroo achi geenyetti foolii urgaa'aa shoorbaa namatti toluti nu simate. Booji'amtoonni uffata waraanaa uffatan callisaan laaqanaaf hiriiranii argine.

Gaazexeessitoota daawwannaarra jiran waliin dubbachuu kan barbaadan yoo ta'eef gaafataman. Afrikaanonni tokko tokko boroo kutaalee ciisichaa duuba geengoo hojjetanii dhaabbataniiru. Qofaa isaanii qarqararratti mul'atu. Warri tapha jaallatan walii walii isaaniitti qoosaa jiru.Tokko tokko ammoo ija duraa baqatu.

Warra daawwachaa jiran keessatti BBCn akka argamu yeroo dhaga'amu namni tokko hayyamamaa ta'ee gara fuula duraatti dhufe. Maqaan isaa Richaard Kaanuu akka ta;e dubbate. Kan deeme ammoo magaalaa guddoo Seeraa Liyoon Firiitaawonirraati.

Seenaa isaa kan dubbatuuf maatiin isaafi ijoolleen isaa sadan akka hin du'iin akka baraniif ta'uu isaa ibsa.

Umuriin isaa waggaa 43 ta'a. Erga Yukireen keessatti qabamee waggaa lama yoo ta'u, kaampicha keessatti ammoo waggaa tokkoof tureera.

Akkuma Beeverlii innis loltuudha. Haata'u malee, eegduu ta'uuf waliigaltee raawwatus dirree waraanaatti akka of argu hin beekne.

Waggoota 17f waraana Seeraa Liyoon keessa tajaajileera. Ji'atti dolaara 100 ture kan kaffalamuuf. Muddamni waraana gidduu jiru akka gadhiisee ba'u isa dirqisiise. Galii fooyya'aa argachuuf jedhee viizaa turistiin Awurooppaa deeme.

"Intalli koo doktora ta'uu barbaaddi. Abjuushee akka milkeeffattu kaffaltaa yunivarsiitii isheef kaffaluun narra jira," jechuun natti himame.

Raashiyaatiin ala biyyoota inni viizaa argachuuf gaafate isa didan. Bara 2024 wayita achi ga'etti warri hojii namaaf barbaadan waliin wal arge. Waggaa tokko keessatti kontiraataan dolaara kuma 15 akka isaaf kaffalamu yeroo dhaga'amu amanuu hin dandeenye. Ji'atti dolaara 2,000 akka kenamuuf itti himame. Afaan Raashiyaa dubbachuu dadhabullee gara magaalaa gama kibbaa jirtu magaalaa Roostoovihoon-Doon geeffame. Bakki kun Yukireen dirree waraanaa irraa kiiloomeetira 200 fagaatee argama.

"Roostoov yeroo achi gahu kaampii waraanaa keessattin of arge," jedha. Namni achumatti arge waraana Raashiyaaf kontiraata waggaa tokkoo mallatteessuu ibsaaf. Baayyee rifate. Haata'u malee, lammummaa Raashiyaa akka argatu yaaduun xiqqoo sammuun isa aboqoteef.

"Waggaa tokkoon booda lamummaa Raashiyaa, achiin booda ammoo maallaqa kiyya nan argadha. Carraan maatii kiyya gara Raashiyaa fiduus nan argadha. Raashiyaa keessa jireenya fooyyaa'aatu jira.

Gama lamaanirraan tekiniiloojiin guddacha ayeroo dhufutti addi waraanichaa balaafamaa ta'aa dhufuu isaa dubbata. Turtiin isaanii hanga ammaa warri isaan jeequ jiru.

Kutaa ciisichaa biroo keessa lammiin Keeniyaa biroo booji'ame Ivaans Kiibeet jira. Jalqabarratti nu dubbisuuf hayyamamaa hin turre. Ergan Siwaahiliin waliin haasa'ee garuu fedhii agarsiisaa dhufe.Ejensiiwwan sirrii hin taane hojii beeksisuun namoota gowwoomsuun gara Raashiyaa geessaa jiraachuun yeroo himamu maatiin dhiphachuu isaanii yeroo dha'amu garuu ni gadde. Hojiiwwan sivilii miindaan guddaan kaffalamu jira jedhamanii sossobamanii erga deemanii booda waraana Raashiyaa keessatti akka of argan gabaasaaleen yeroo bahan maatiin dhaga'aniiru.

Garuu ilaalchi Kibeet jijjiiramuu kan jalqabu maatiin meeqa gara biyyaatti deebi’an gabaasa namoota karaa ergamtoota qacarrii naamusa hin qabneen gara Raashiyaa sossobaman, hojii siiviilii kaffaltii gaarii qabu waadaa galanii, boodarra garuu waraana Raashiyaa keessatti wal lolan of argatan ilaalchisee yaaddoo qaban erga dhaga’ee booda.

Akka odeeffannoon nageenyaa Yukireen agarsiisutti, loltoota Afrikaa waraana Raashiyaan fo'ataman keessaa baayyeen isaanii Keeniyaanota. Itti aansuun ammoo Masirii, Kaameruun, Gaanaa fi Yugaandaan keessatti argamu.

Lammiin Keeniyaa umuriin isaa waggaa 36 ta'e "dirree waraanaatti bobba'uun salpha amiti. Gama bitaanis, gama mirgaanis, duraanis namoonni ni du'a. Namni kamiyyu dhimma kee hin qabu," jedha.

Haleellaan diroonii akkamitti akka qaama namootaa cicciru dubbata.

Loltuunni gara duubaatti deebiyanii gargaaruu hin danda'an, ykn fedhii hin qaban. Kanaaf, garuma fuulduraatti deemu.

Kutaa ciisichaa biraa gara lammiin Keeniyaa jirutti agarsiisaa kaameraa dura dhaabbatee dubbachuuf hayyamamaa akka ta'e eere.

Wiilii Machaariyaa dhugumayyu odeessuun isa gammachiisa.Kunuu laaqanaaf bahuun duradha. "As nyaata hedduti jira. Booda nan nyaadha."

Bifaan nan beeka. Lammiin Keeniyaa umuriin isaa waggaa 23 ta'e kun Keeniyaanonni waraanatti akka hin makamneef yeroo gorsu viidiyoo agarsiisu miidiyaa hawaasaarratti gadhiifamee waan tureefan isa bare.

Waa'ee viidiyichaa yeroon gaafadhu, aanga'oota Yukireeniin dirqisiifamee akka gadhiise dubbate.

Waa'ee dhimmichaa dubbi-himaa qindeessaa wiirtuu qajeelcha waajira wiirtuulee booji'amtootaa Yukireen Peetroo Yaatasinokoo gaafadhus himannaa kana waakkateera.

Maachaariyaan akka jedhutti, ji'oota sadiif adda waraanaa ture. Maallaqa gaarii akka argatuufi barnoota isaas akka itti fufu waan waadaa galameef gara waraanichaatti seene. "Kanan lolu Raashiyaafidha. Kanaaf, harka diinaatti kufeera."

Akka hidhamtoota biroo yeroo isaa kan dabarsu hojii xixiqqaahoojjetee maallaqa argachuurrattidha. Kiyooskii saamunaafi sukkaara keessatti gurguru baneera.

Naannawaa isaatti maaltu ta'aa akka jiru hubachuuf mana kitaabaa mana hidhaa sana keessa jirutti afaan Yukireen barachaa jira. Dargagggeessi bilisa ba'uuf hawwiin eeggachaa jiru kun, tarree maqaa hidhamtoota wal jijjiiruu dhiyootti taasifamu keessaa maqaan isaa akka jiraatuufi gara Raashiyaatti akka deebiyu abdachaa jira.

Dubbi-himaan wiirtuu booji'amtootaa gamasaatiin hidhamtoota wal jijjiiruun ni taasifama jedhee hin amanu. Lammileeshee booji'amtoota waraanaa ta'uun qabaman fudhachuuf biyyi Afrikaa tokkittii fedhii agarsiifte Gaanaa qofaadha. Jilli biyyattii wiirtuuwwan booji'amtootaa daawwwachuun waliin mariin taasifamaa jira.

Ammatti hidhamtoota wal jijjiiruu keessa Afrikaanonni hin jiran. Maallaqasaanii waan barbaadaniif Raashiyaa deemuu barbaadu. Raashiyaanonni garuu deebisanii fudhachuuf yeroo yaalan hin argine.”

Petroo Yaatisnokoon
Dubbi-himaa waajira qindeessaa wiirtuulee booji'amtootawaraanaa Yukireen Petroo Yaatisnokoon

Ministira dhimma alaa Yukireen Andirii Saayibihaa waliinis gaaffiifi deebii taasiseera.Afrikaanota Raashiyaan fo'atte "miidhamtoota gocha seeraan alaa piroppogaandaa Raashiyaa," jechuun ibsa.

"Raashiyaatti barnootaaf hafeeramanii tasa osoo hin beekiin dirree waraana akeessatti of argu," jedha.

Ministirichi akka jedhetti, lammileen biyya alaa Ykireeniifillee loluu danda'u. Haata'u malee, akka Raashiyaan gootu karaa seeraan alaa fo'achuun osoo hin taane fedhiirratti kan hundaa'eefi iftoomina karaa qabuunidha. Lammilee biyya alaa hangam akka hirmaatan odeeffannoos ta'e lakkoofs aisaa hin qabu.

Haalli jiru garuu booji'amtoonni waraanaa Afrikaanotaa argine gara Raashiyaatti deebiyuu barbaadu. Haata'u malee, kun hanga waraanichi xumuramutti waan ta'e hin fakkaatu.

Beeverliidhaaf dhimmi kun maallaqa qofaa miti. Intallisaa Raashiyaa keessa waan taateef kallattiin gara Koongoo yo deemeef deebiyaa gara Raashiyaatti deebiyuu hin danda'u.

Kaanuun kanaan booda Afrikaa Lixaatti deebiyuu abdii jedhu hin qabu. "Raashiyaaf kontiraata mallatteesseera. Raashiyaatti deebiyuun barbaada. Jireenyi Seraa Liyoon caalaa Raashiyaa keessa wayya."

Yukireen keessaa erga baanee booda intala Kaanuu umuriin ishee waggaa 19 taate argachuuf gara Firiitaawon deemne.

Manichi sibiila ciccitaafi qorqooroorraa hojjetame; magaalaa Teengbeeh keessatti argama. Karra mana maatiisheerra dhaabbattee akka abbaashee yaaddeettu dubbatti. Abbaashee yaaddus garuu hanga gara Raashiyaatti deebitutti eeguun akka isheerra jiraatu isheenillee ni amanti.

“Seraa Liyoonitti deebiyuun rakkoowwan akka inni deemuuf sababa ta'an hin furu. Raashiyaa keessatti carraa fooyyaa'aa ni qabaata jedheen yaada. - carraa galii argachuu, waa ijaaruu, jireenya keenya jijjiiruu fooyyaa'aa.”

Elsiyee Kaanuu, 19

Warra deebiyan

Baayyeen isaanii biyyatti hin deebine. Lammiin Keeniyaa Duknaak Cheegee garuu deebiyeera. Waraana Raashiyaa keessa osoo jiruu sobee sammuuti na dhukkuba jechuun hospitaala galee booda achii miliqe.

Cheegee maallaqa guddaa argatta jedhamee kan abdii galameef sossobbii ture. Viizaa waan hin arganneef Dubaay deemuu hin dandeenye. Ejensiin tokko gara Raashiyaa deemuu akka yaalu gorseen. Torban tokko keessatti viizaan Raashiyaa kennameeraaf.

Suura: Denken Cheegee

Maallaqa imalaaf isa gargaaru kan argate haati isaa ollaafi firootarraa kan liqeeffatteefidha. Isaan booda tikkeetii ittiin deemu qofa bitate.

"Hojjedhee jireenya maatii jijjiiruu akkan danda'uuf haati kiyya deemee akkan hojjedhu ni barbaaddi ture."

Denken Cheegee

Haata'u malee, carraan booji'amtoota waraanaa Afrikaanotaa gaaffii keessadha.

QOPHEESSITOOTA

Gabaasaa: Saamii Awaamii, Gabaasa Yukireen Bahaa irraa qophaa'e

Piroduusaraa fi gaazexeessaa viidiyoo: Hasan Laalii

Dizaayiniifi Leeyawut: Maalii Wachiira

Dizaayinii qolaa: Maayowaa Alaabii

Fakkii: Joorj Waafulaa

Fakkiiwwan: Yukireen( Getyimages), Seeraa Liyoon fi Keeniyaa (Saamii Awamii fi Hasan Laalii)

Gulaaluu barreeffamaa: Luusii Fileeming fi Viktor Oluuch

Pirodiisaraa fi gulaalaa viidiyoo: Kaatii Harkoomb

Gulaalaa fuulaa: Dorootii Otiyeenoo

Deeggarsa dabalataa: Shaalom Olaatunjii; Biriyaan Osweeta, Nijoroogee Mungaay; Bohaaz Ochiyeeng fi Damiiloolaa Ojitundee

Guyyaa itti maxxanfame: Waxabajji 8, 2026